Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Korri guddaan kutaa ABO New Zealand milkiin xumuramee jira.

 

 

Nuti miseensonni ABO Kutaa NZ  Kora guddaa kan bara 2009, Bitootessa 28 fi 29 magaalaa Aucklanditti gageefannee milkii fi injiifannoon xumurannee jirra. Kora kana haasa'aan kan banan DT kutaa NZ yeroo ta'u akkasumas bakka bu'oonni konyaa walduraa duubaan haasa'a godhanii jiru. walgahii kana irratti xiinxala haala yeroo fi fi gamaagamni hujjii waggaa godhaamee, filannoon kutaas godhamee jira.

Akkasumas  kora gaafa 29/03/2009 gaggeefame irratti miseensa SHG ABO fi itti aanaan HD ABO J/Bultum Biyoo karaa tele conference dhaan haalaa qabsoon bilsummaa Oromoo yeroo ammaa irraa jiru ibsa bal'aa kennanii jiru.Gaaffii mana keessaa ka'eefis deebi'iin J/Bultumiin kennamee jira.

Kanumaan waliin walgahiin uummataas gaggeefamee jira, waltajjii mootummaan NZ waggaan qopheessu kan Auckland ethinic weekend jedhamu irratti hawaasni Oromoo Oromiyaa bakka bu'uudhaan aadaan keenya boonsaa uummata hedduu duratti kan agarsiifame yoo tahu, sana boodaan dorgommiin kubbaa milaa  Tuuta kubbaa milaa oromiyaan saboota NZ keessa jiraatu waliin gaggeefame haala boonsaan xumurame jira..

Murtii fi Kutannoolee Kora ABO NZ

1. Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi sochii Addi Bilisummaa Oromoo biyya alaa fi keessatti bifa hundaan gaggeessaa  jirru dinqisiifachaa, yoom iyyuu caalaatti jabinaan hojjeechuuf murteeffanneera.

2. ABOn haala rakkisaa ta’e keessaa ba’ee bifa tasgabbaa’aa ta’een sochii itti fufee caalaattuu jabeessuuf  gara keenyaan waan nu irraa eegamu hundaa  gumaachuuf murteeffanneerra. akkasumas uummanni oromoo bakka jiran hundaa akka jabaatan yaamicha goona.

3. Mootummaan TPLF uumurii aangoo isaa dheereffachuuf dhiiga dhangalaasaa jiru jabeessinee balaaleffanna. Shira Ummata Oromoo, saboota ollaa Oromoo jiiraatan waliin walitti buusuu ta'ee oromoota oromoota biraa waliin walitti buusuu fashaleesuufis waan dandeenyu maraa ni hojjenna.

4. Seeraa fi heera Dhaaba kabachiisuun hundee nageenya jaarmayaa tokkoo ti. Adda Bilisummaa Oromoo keessattis seera-dhablummaa farra Qabsoo bilisummaa Ummata Oromoo waan ta’eef, dammaqinsaan ni eegna, murannooniis dura dhaabbanna. 

5. Nuti miseensoonni ABO kutaa NZ keessa jiru murtii fi qajeelfama dhaabni keenya nutti keennu maraa fudhannee gara hojiitti jijjiiruuf ni hojjechuuf
mirteefanee jira.. 

 

Injifannoo Uummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

Bitooteessa 30, 2009




Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net